Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humnoonni Bilxiginnaa Qeerroowwan Adamsanii Hidhuu Ittuma Fufanii Jiru

Humnoonni Bilxiginnaa Qeerroowwan Adamsanii Hidhuu Ittuma Fufanii Jiru

[SQ Fulbaana 27/2022]

Guyyaa har’aa jechuunis, Fulbaana 27/2022 ganama obboroon kaatee humni PP Qeerroowwan lama kan maqaan isaanii Firaa’ol Lammeessaa fi Addunyaa Itoophiyaa jedhaman magaalaa Finfinnee naannoo Goorootii butanii jiraachuun dhagaa’ame.

Qeerroowwan kana qaamni qabes garam akka geesse hanga ammaatti hin beekamne. Maatiin isaanii Horroo Guduruu Wallaggaatii hidhattoota Amaaaraaan qe’ee isaanirraa buqqifamaniiru. Ammas humni ilmaan Oromoof quuqama tokkollee hin qabne, Qeerroowwan kanneen jireenya dhuunfaa isaanii fooyyeffachuuf hojii barbaadan qabee hidhee jira.

Exit mobile version