Godina baha Wallaggaa ona Saasiggaa keessatti finxaaleyyiin Amaaraa namoota 9 ajjeesuun 3 madeessan.
Humnootni finxaaleyyii Amaaraa murna bilxiginnaan leeccalloo fi leenjii waraanaan tumsaman qe’ee isaanii irratti uummata Oromoo ajjeesuu itti fufuun magaalaa Naqamteetti dhiyoo kan taate Saasiggaa keessatti ilmaan Oromoo ajjeesuun gariin madeessan.
Dheengadda Onkoloolessa 19, 2022 humnootni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman godina Baha Wallaggaa ona Saasiggaa ganda Tsigee keessatti lubbuu ilmaan Oromoo 9 ajjeesaniiru.
Ilmaan Oromoo ajjeefaman kun Kaasaahun Adaanee, Iddoosaa Asfawu, Gammachuu Baqqalaa, Olaanaa Bultii, Tolaa Dirbabaa, Maatiwoos Mulaatuu, Guddinaa Gaarii, Xilaahun Kitilaa fi Bal’inaa Tarreessaa kanneen jedhamanii dha.
Namoota ajjeefaman malee kanneen rasaasa finxaaleyyiin madaa’an Bultum Olfuudhaa, Faantaahuun Mitikkuu fi Daawwit Dabalaa ta’uu maddeen ibsuun ilmaan Oromoo lafa abbaa isaanii irratti alaa dhufaa kaleessaa rakkina isaaf Oromootti baqatee daara ba’een deebi’ee boo’uun waan hin malleef tokkummaan qaama harka isa nyaachisee fi obbaase ajjeesaa jiru falmachuu qaba jechuun qeerroon bilisummaa Oromoo ona Saasiggaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

