Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Doolloo keessatti murni bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa irratti reebicha erga raawwataniin booda mana hidhaatti darbachaa jiru.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Sirni bilxiginnaa erga aangootti dhufee kaasee uuummata Oromoof ilaalcha gaarii kan hin qabnee fi kabajaa namummaa irraa mulquun gidiraan irraan ga’amaa jiru hiriyaa hin qabu.
Erga sochiin Waraanaa Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti jabaafachuun tarkaanfii laalessaa humna diina irrattii fudhatamuun akkaan jabaate itti fufee as maatii qabsaa’otaa hidhuun hammaatee jira.
Sadaasa 4, 2022 godina Qelleem Wallagga magaalaa Dambii Doolloo keessatti maatiiwwan qabsaa’otaa manneen isaani irra deemuun erga waamaniin booda magaalaa keessa daandii gubbaa irra teessisuun reebicha erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti darbachaa jiru. Namoonni isaani miidhaa irraan ga’aan keessaa kanneen maqaa arganne Bashaatuu Tarreessaa,Tsiyoon Abdiisaa, Obsaa Abdiisaa, Eebbisee Balaay akkasumas Haalimaa Mahoommad fi Abbaa manaa ishee Zaakir namoota jedhaman qabanii mana hidhaatti galchuun dararaa jiru. Bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti tajaajila hawaasummaa danquu hanga namoota shakkiin hidhuu akkasumas halkan gadi baasanii waan ajjeesaniif hawaasni jireenya yaaddoo keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
