ONM-ABO Hagayya 31, 2024
Lukkeelee fi ergamtoonni isaanii godinaa hanga aanaatti jiran sodaa lubbuu fi dantaa isaaniif jecha namoota nagaa ”ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti guutuu Oromiyaa keessatti jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo keessaa loltoonni bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu jabeessuun jiraattotni yaaddoo keessa galanii jiru.
Torban darbe keessa namoota maqaan isaanii Aadde Jiituu Guutamaa, Obbo Dirribaa, Habtaamuu Kabbadaa fi kanneen biroo hedduun badii tokko malee “ilmaan keessantu bosona jira; hanga galchitanitti hin baatan” jechuun waraanni maafiyaa PP qabuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.
Akka maddeen jedhanitti, namoonni kun ilmaan isaanii miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti, Ji’a tokko duras hidhamanii dararamaa turuun ammas irra deebiin qabanii maqaa maatii qabsaa’otaatii fi ilmaan keessantu aangoo irraa nu kaasuuf hojjechaa jira jechuun garmalee dararaa jiraachuu dubbatu.

