Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Lixaatti diina adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiike

WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Lixaatti diina adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiike.

ONM-ABO Sadaasa 18, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa cibraan Gumaa Baas Tuulaa Surroo Aanaa Abbayyaa ganda Dibbichaa Laaluuncaa bakka addaa Sariitii jedhamtu keessatti mooraa diinaatti seenuun humna waraana faashistii Abiy Ahimed kanneen aangoo nama dhuunfaa tiksuuf miindeffaman irratti tarkaanfii laaleessa fudhatee jira.

Tarkaanfii WBOn kaleessaa Sadaasa 17, 2022 halkan sa’a 10:00 irraa kaasee fudhateen mooraa keessaa diina ari’e baasuun qawwee 25, uffata, meeshaa waraanaa garaagaraa fi poolisota farra riphee lolaa 6 jiraa booji’uun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Kana malees konkolaataa paataroolii waraanaa tokkos gubee barbadeesseera.

Tarkaanfii WBOn Oromiyaa biyya taasisuuf fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version