Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti qarshii deggersa murna bilxiginnaa kaffaluu didde jechuun manguddoo tokko ajjeesan

Godina baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti qarshii deggersa murna bilxiginnaa kaffaluu didde jechuun manguddoo tokko ajjeesan.

ONM – ABO – Sadaasa, 25, 2022 Bara murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti hanga bineensayyuu mirga dhabuun guyya guyyaan ajjeefamaa fi gidiraa hamtuu argaa jiru. Murni nama nagaa ajjeesuu bare waraana barcuma isaa tiksan fayyadamuun godina Harargee bahaa aanaa Baddannoo araddaa Jirruu Ballii keessatti manguddoo Musxafaa Ayyuub deggersa dhaaba bilxiginnaa qarshii 30 kaffaluu didde jechuun mana hidhaatti darbanii erga dararaa turaniin booda Wiixata darbe Sadaasa 20,2022 halkan sa’a 6:00 irratti mana hidhaatii baasuun ajjeesanii gatan. Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo kaabinootaa fi waraana murna bilxiginnaan dhiigni uummata qulqulluu lolaa’a kan oolu yoo ta’u lubbuun ilmaan hiyyeessaa wabii dhabee saba qarshii xiqqoo kanaaf lubbuun namaa jijjiirraa hin qabne darbuu isaatti sirnichi akka sirrii hin taane jiraattootni tokko tokko yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Murni bulchiinsa abbaa irree ilmaan Oromoo lafa irra duguuguuf karoorfatee waan jiruuf sababa garaagaraa itti maxxansuun dararaa fi ajjeechaa dhala namaaf hin mallee irratti raawwachaa jirus ajjeechaan akka meeshaa waraanaatti uummaticha afaan qabachiisuuf murni PP itti fayyadamu daran hawaasicha jabeessa malee duubatti hin deebisu kan jedhan jiraattota ona Baddannoo ti.

Exit mobile version