Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Fantallee fi Boosat keessatti quunnamtiin bilbilaa fi tajaajilli baankii dhabamuun uummanni rakkoo hamtuu keessa jiraachuu jiraattotni himan

Baha Shaggar aanaa Fantallee fi Boosat keessatti quunnamtiin bilbilaa fi tajaajilli baankii dhabamuun uummanni rakkoo hamtuu keessa jiraachuu jiraattotni himan.

ONM – ABO – Sadaasa 26, 2022 Dhugaa uummata awwaalanii uummatatti jireenya hadheessaa murni abbaa irree bilxiginnaa akka waan uummanni rakkoo tokkoyyuu hin qabaannetti karaa miidiyaa fi dabballoota isaa lallabus qabatamaatti garuu uummatni gidiraa hamtuu keessa jira.

Murni abbaa irree PP uummata naannoolee impaayerattii jiran keessaa addatti uummata Oromoo irratti xiyyeefachuun ajjeesaa fi qaali’nsa jireenyan waadaa jiru godina baha Shaggar aanaa Fantallee fi Boosat keessatti baatii tokkoo oliif tajaajila quunnamtii bilbilaa fi mana baankii cufuun uummanni aanichaa rakkoo hamtuu keessa seenee jiraachuu jiraattoonni dubbatan.

Akka jiraattootni jedhanitti aanicha keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessina jedhu sababa godhachuun hawaasa aanoota kanneenii irratti dararaa geessaa jirachuu himaniiru.

Aanota kana lamaan keessatti hawaasni midhaan illee bakka itti daaksifatu dhabu, bilbilaan firoota isaanii quunnamuu hanqachuu fi maallaqa itti rakkoo oolan baafachuun dhabuun dhaabbiitti hidhamanii olola kaabinootaa fi doorsisa waraana bilxiginnaan goolamaa ooluu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version