Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee bahaa aanaa Baddannoo magaalaa Baddannoo keessatti bulchaan aanaa Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa jiraa of keessaa baasaa jechuun dukkaana namootaa cufsiisan

Godina Harargee bahaa aanaa Baddannoo magaalaa Baddannoo keessatti bulchaan aanaa Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa jiraa of keessaa baasaa jechuun dukkaana namootaa cufsiisan.

ONM – ABO – Muddee 3, 2022 Guyyaa kaleessaa jechuun Jimaata muddee 2,2022 ganama sa’a 3:00 jalgabee hamma sa’a 6:00tti dukkaana magaalaa Baddannoo
guutumatti cufamee oole.
Sababni cufaatii dukkaanota kanas kantiibaa magaalattii kan turte aaddee Dasii kan jedhamtu aangoo irraa kaasuun Muraadee
Abbaa Ahimed jedhamu bakka kan buusan yo ta’u kantibaa haaran kunis akkuma
aangoo qabateen dunkaanota adda addaa cufsiisuun namoota hunda mana mana irra deemuun dirqamsan walga’ baasaa turan.
Sababni namootni hojii idilee
isaanii dhiisuun walga’ii ba’aniif Waraana Bilisumma Oromootu isin Keessa jira ariitiin of keessaa baasaa, yo baasuu baattan meeshaan waraana keenyaa kun
hundi isiniif jecha dhufe jechuun ittiin doorsise.
Meeshaalee waraanaa Kilaashi,
Boombii fi Madfinis namni inni ajjeesuuf qophaa’e isin malee tokkolleen hin jiru
jechuun uummata waltajjii ba’etti dhaadataa ture. Magaalaa Baddannoo keessatti
yeroo garaagaraatti Doorsisni, hidhaa fi reebichi maqaa Waraana Bilisummaa
Oromo deggartu jedhuun namoota naga irratti raawwatamu daangaa darbuu jechuun maddeen Araata Biyyooleessaaf ga baasaniiru.

Exit mobile version