Oromiyaa Bakkoota hedduutti Hidhaafi Dararri Daangaa Darbe.
(SQ-Amajjii 10/2023)
Kibba Oromiyaa Yaaballootti Dargaggoo Diqqaa Jaatanii Bulee Dhukkubsatee Utuu Hoospitala keessa jiruu Yakka tokko malee, Humnoota Tikaan butame.
Didaan Barataa Yuunibarsitii yoo tahuu, Dhukkubsatee akkuma nama kamiittu Hoospitala Yaaballootti Yaalama Osoo jiruu Humnaata Kanaan butame.
Akka Maddeen Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootti himaniitti Namoonni Isa waliin Hospitaalicha keessa Ukkaamfamaniis jiraachu dubbatu.

