Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaatti, dhukkubsataa hospitaala jiru dabalatee, namoota hedduu ukkaamsuun hidhan

Godina Booranaatti, dhukkubsataa hospitaala jiru dabalatee, namoota hedduu ukkaamsuun hidhan.

ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Hidhaa akka furmaataatti qabatee kan jiru murni PP, Amajjii 10, 2023 kibba Oromiyaa Yaaballootti Dargaggoo Diqqaa Jaatanii Dhukkubsatee otuu hospitaala keessa jiru yakka tokko malee barattoota isaa yaalsisuuf achi Jiran 8 waliin butanii hidhuun beekamee jira.

Barattoota Diqqaa waliin butaman keessatti Shamarran lama kan argaman yoo ta’u, isaan keessaa Kan maqaa arganne:- Boruu Soraa Galgaloo,
Jaarsoo Waaqoo, Haroo Duubaa fi
Galgaloo jedhaman humnoota sirnichaatiin butamaniiru.

Diqqaan Barataa Yuunivarsitii yoo ta’u, dhukkubsatee akkuma nama kamiittu hospitala Yaaballootti yaalamaa osoo jiruu humnoota kanaan butame.

Dhukkuba mormaan qabamuun baqaqsaniifii madaa jiidhaa waliin qabuudhaan sana irratti akka namni kamiyyuu deemee hin ilaalle dhorkuun namoota isa dubbisuuf deeman hundaa hidhaattii guuraa jiru.

Kana malees hidhaa fi dararaa maqaa WBOtiin godina Booranaa keessatti namoota irra ga’aa jiru jabaachuun yeroo ammaa qeerroowwan hedduun jireenya yaadessaa keessa jiraachuu maddeen keenya Yaaballoo irraa himaniiru.

Exit mobile version