Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa fi aanaa Muneessaa keessatti waraanni Biltsiginnaa maqaa sakatta’iinsaan duula jabaa uummata irratti banan

ONM-ABO Caamsaa 1, 2023

Murni PP tibba maqaa araaraatiin qondaalota isaa filee gara marii araaraaf Taanzaaniyaatti  bobbaasetti, kallattii biraan ammoo faashistoota waraana isaa uummata nagaatti gadi dhiisuun mancaatii lubbuuf qabeenyaa uumaa jiraachuun isaa, sirnichi araara golgaa godhatee bara aangoosaa tarkaanfachiisuuf tirgaa siyaasaatti kan jiru ta’uu agarsiisa.

Gocha isaa kana torbee darbe irraa ka’ee kan jabeessu yoo ta’u, Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Lammaffoo naannoo addaa gaara Gaachanaanii jedhamtutti dheengadda jechuun Eebila 29, 2023 waraanni Biltsiginnaa konkolaataa Isuzu shaniin uummata nagaatti bobba’uun uummata goolaa ooluu maddeen gabaasaniiru.

Oduma wal fakkaatuun Arsii bahaa aanaa Muneessaa ganda Shumbuluuluuttis waraanni sirnichaa konkolaataa Isuzu sadiin aanaa Adaamii Tulluu irraa jiraattotatti bobba’uun Horii hedduu yoo qalatan, namoota hedduu reebanii uummata shororkeessaa ooluun beekameera.

Gochi badii kunis Eebila 29, 2023 kan raawwate yoo ta’u, hawaasni aanaa Zuwaay Dugdaa gocha murni shororkeessaan bilxiginnaa raawwachaa jirutti gadduu maddeen dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version