ONM-ABO Waxabajji 14, 2023
Gareen saamichaaf of ijaare bilxiginnaan loltootaa fi caasaalee bulchiinsa isaa uummata nagaatti bobbaasuun godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti saamicha geggeessuu erga eegalee bubbuleera.
Haaluma kanaan aanicha keessaa ganda Araxaa Cufaa jedhamee beekamu keessatti uummata Oromoon humnaan waraana Bilxiginnaa nyaachisaa, obaasaa fi odeeffannoo kennaafii jechuun uummata nagaa dararuu jabeessanii jiru.
Keessattuu erga gaafa Caamsaa 27/2023 waajjira gandaa Araxaa Cufaa shira siyaasaaf caasaan bilxiginnaa gubanii as, hidhaa fi dararaan hammaatee jira.
Ganda kana keessatti hanga ammaatti namoonni Oromummaa isaaniin yakkamanii Waajjira poolisii aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchootti hidhamanii dararaa guddaa argaa jiran; Huseen Milkii Abbaa Maatii 12 fi manguddoo gandichaa, Ibraahim Kadiir, Umar Abbashii, Dassee, Fayyoo Huseen, Qaasoo Gammachuu waardiyaa Buufata fayyaa Araxaa Cufaati.
Aanaa Zuwaay Dugdaa kana keessatti gocha dabaa namootni uummata nagaa irraatti rawwaacha jiran; Mohaammadnuur Milkiyaas, Axinaafuu fi Mohaammed Baatii nama bara Wayyaanee irraa kaasee hanga ammaatti sirna dhufaa darbaa wajjin ta’uun uummata aanaa kanaa miidhaa irraan geessisaa jiruu fi gaafatamummaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya aanichaan kan qabudha.
Kana malees bulchaa ganda Araxaa cufaa obbo Mohammed Huseen yemmuu ta’an jarreen kun gochaa kana irraa akka deebi’anis Qeerroon Bilisummaa Oromoo aanichaa ergaa dabarsaniiru.

