Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa Aanaa Oddoo Shaakkisoo keessatti tarkaanfii diina irratti fudhateen loltoota impaayerittii 40 ol fayyaatti harkaan qabuu beeksise

ONM ABO, Caamsaa 21, 2022

Irreefi gaaddisni Uummata Oromoo, WBO, tarkaanfii qolannaa bobbaa diinaa jabeessee itti fufuun, guyyaa har’aa jechuunis Caamsaa 21, 2023 ganama irraa eegalee lola guddaa godina Gujii Bahaa Aanaa Oddoo Shaakkisoo keessatti fudhataa jiruun injifannoo boonsa galmeessaa jiraachuu ifoomse.

Aanaa Oddoo Shaakkisoo bakka Diidolaa jedhamutti tarkaanfii fudhateen loltoota diinaa irraa heedduu du’aaf madoon adabuun hanga ammaatti loltoota 40 fayyaatti harkaan qabee jira.

Lolli hanga Oduun kun qindaa’etti itti fufee kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti Diishqaa 1 Bireenaa 4, AKM 60 ol dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoof oolchee jira. Itti baha lola kanaa jala buunee hordofuun kan isin biraan geenyu ta’a.

Nagaa Waaraan Afaan Qawween Dhufti
IUOf

Exit mobile version