Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa ona Jaarsoo  keessatti waraanni PP ilmaan Oromoo irratti hidhaa yoo hammeessan, ona Gullisoo keessatti ammoo Saamicha jabeessuun gabaafame

ONM-ABO Caamsaa 26, 2023

OIlmaan Oromoo Hidhuu fi dararuu akka bu’aa siyaasaa fi ulaagaa bulchiinsaatti Kan fudhatu murni bilxiginnaa, yakka tokko malee namoota nagaa bakka hojii idilee fi bakkeewwan garaagaraa keessaa qabuun mana hidhaatti darbatee dararaa jira.

Haaluma kanaanis, godina lixa Wallaggaa ona Jaarsoo keessatti ilmaan Oromoo hedduun eenyummaa Isaanii qofaan cubbamuun, mana hidhaatti hiraarfamaa jiraachuun kan dubbatame yoo ta’u, Namoota waajjira poolisii magaalichaa keessatti hidhamuun gidirfamaa jiran keessaas, Immiruu Oljirraa fi Feenet Oljirraa obboloota lamaanii fi Duulaa Lammeessaa akkasumas Girmaa Abarraa kanneen jedhaman warroota maqaan nu ga’ee fi fakkaattotni isaanii hedduunis hidhamuun rakkoo argaa jiraachuun himame.

Oduu biraatiin ammoo ona Gullisoo keessatti waraanni sirnichaa Kaleessa, caamsaa 25, 2023 ganama irraa ganda Jaarsoo Baddeessootti bobba’uun, uummatni waltajjii isaan waamanitti akka hirmaatuuf goolumsa uumaa turuun, jeequmsa geggeessanittis dhimma ba’uun qotiyyoo tokkoo fi qabeenya nama obbo Abarraa Dhaabaa jedhamuus saamanii deemuu jiraattotni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Exit mobile version