ONM-ABO Caamsaa 27, 2023
Sirni uummata Oromoo waggaa 100f duubatti deebisuuf karoorfatee hojjetaa jiru maqaa garaagaraa moggaasuun saamicha itti fufee kan jiru yoo ta’u, Lixa Harargee keessatti qawwee bitaa jechuun, nama ofirraa kaffaluu dadhabe ammoo reebicha hamaa irraan ga’uun, mana hidhaatti darbatanii, qarshii irraa guuraa jiraachuu jiraattotni dubbatan.
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti dabballoonni Sirnichaa maqaa qawwee bitaa jedhuun uummata saamaa kan jiran yoo ta’u, maallaqni guuramu kun nagahee osoo hin qabaatiin,
Qotee Bulaa irraa qr, 500-1500
Daldalaa irraa qr, 500-10,00 dirqiin guuraa jiraachuun beekamee jira.
Akka jiraataan kun jedhanitti, qawwee bitaa jechuun kun aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti qofa gaggeeffamaa akka jiru qulqulleeffanneerra jechuun komee qabu kaasuun, Uummata qaala’iinsa jireenyaan miidhamaa jiru, dirqiin saamuun kun uummata aanichaaf rakkoo guddaa ta’ee jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Hiyyeessa waan nyaatu hin qabne illee reebicha irratti raawwachaa mana hidhaatti guuranii hojii idilee isaanii irraa dhorkaa jiraachuufi karaa biraatiin halkan ba’aa daandii eegaa jechuun uummata dirqiin qorra keessa bulchaa akka jiranis himuun namoota didan ganama humna milishaa itti bobbaasuun mana hidhaa geessanii qr 300-500 adabaa jirus jedhee jira.
Namootni akka aanaa kanaatti adda durummaan uummata hiraarsaa jiran;
1, Taajuu Mohammed itti gaafatamaa waajjira daldalaa.
2, Shukrii itti gaafatamaa waajjira galii
3, kamaalee abbaa araddaa 01
4,Abdallaa Abbiyyaa ajajaa milishaa aanichaafi kanneen biroos akka jiran jiraataan Kun dubbatee jira.

