ONM-ABO Waxabajji 20, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo ajjeesuun sodaachisee diddaa isaanii irraa duubatti deebisee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf tarkaanfii ajjeechaa fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan Lixa Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Waragooti jedhamu keessatti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Wanjoo barsiisaa Takiluu kabbadaa kaleessa Waxabajji 19, 2023 ganama toora sa’a 12:30tti waraanni faashistii PP ajjeesan.
Aanuma Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Innaangoottis nama Garramuu Asfaw jedhamu badii tokko malee ajjeesanii jiru.
Godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Nooleetti nama tokko yoo ajjeesan godina Qellem Wallaggaa aanaa Gawoo Qeebbee ganda Jogee Badhaasoo bakka adda Gijjee jedhamutti barattoota kutaa 11ffaa 2 maqaan isaanii Daani’el Margaa Raagaa fi Yaadasaa Qannoo Baatii ganda Haroo Laaloo qabdee bakka Bukkoo jedhamutti qonnaan bultoota 2 yoo ajjeesan ganda Gurii Maaramii bakka Haroo jedhamuttis dargaggoo Oromoo tokko ajjeesan.
Aanaa Anfilloo ganda Yattii bakka Yaagaa jedhamuttis waraanni faashistii PP magaalaa Muggii irraa maqaa sakattaaf garas bobba’aan qonnaan bulaa maqaan isaa Abdullaziiz Usmaa’il jedhamu ajjeesanii jiru.

