ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Murni nama nyaataan PP erga bara 2018 aangotti dhufee Oromiyaa dirree ilmaan ishee badii tokko malee keessatti qalaman taasisee jira.
Waraanni impaayera Itoophiyaa fi aangoo Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman Oromiyaa bakka cufatti lubbuu ilmaan Oromoo galaafachuu itti fufanii jiru.
Dheengadda Adoolessa 26, 2023 dargaggoota sadii kanneen godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo irraa gara aanaa Ayiraatti deemaa turan galgala toora sa’a 12:30tti magaalaa Ayiraa keessatti eessaa deemtu jechuun badii tokko malee dargaggoota sadiitti rasaasa roobsuun ajjeessan.
Dargaggoonni ajjeefaman kunis maqaan isaanii Saamu’el Bantii, Akiliiluu Daawwitii fi Yohaannis Jootee kan jedhaman yoo ta’u, Yohaannis Jootee erga fuudhee baatii 5 kan hin callee fi magaalaa Ayiraa keessaa dukkaana sadii kan qabu ta’uu maddeen dubbatu.
Magaalaa Ayiraa keessatti waraanni faashistii PP sa’a 12:00 booda daandii irra deemuu hin dandeessan jechuun hawaasni dhukkubsatee hospitaala Ayiraa deemu galgala irraa rakkachaa jiraachuu dabaluun addeessanii jiru.

