ONM-ABO Fulbaana 2, 2023
Murni faashistii PP torbee kana keessa godina kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo keessatti Waraana Bilisummaa Oromootu baadiyyaa aanichaa keessa socho’aa jiraan qonnaan bultoota jalaa midhaan ooyiruu irraa balleessaa jiru.
Sababni isaan midhaan qonnaan bultootaa ooyiruu irraa dhidhiitanii fi haamanii balleessaniif WBO nyaachistu yoo midhaan hin qabdan ta’e lafa fuutanii kennitaniif hin qabdan yookiin gadhiistanii deemtu jechuun uummatatti dhaadachaa turan.
Yeroo ammaa kana aanaa Bachoo gandoota baadiyyaa keessatti baaqelaa daraaraa baafatee jiru osoo hin ciramin balleessaa jiraachuu maddeen himuun waraanni faashistii PP kun uummata Oromoo rasaasaan cinaatti beelaanis obbaasuuf karoorfatee erga hojjechuu eegalee bubbuleera.

