Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa magaalaa Roobee keessatti giddu gala gabaa guddaa tokko dabalatee dukkaanonni daldalaa hedduun maqaa gibiraatiin guutummatti cufamanii jiraachuu maddeen himan

ONM-ABO Fulbaana 30, 2023

Magaalota Oromiyaa cufa keessatti gatiin mi’oota bittaa fi gurgurtaaf dhiyaatanii akka malee dabaluun walqabatee namoonni hojii daldalaatti bobba’uun ofiif maatii isaanii jiraachisan jiruu ulfaattuu dhamdhamaa yeroo jiran kanatti, gaaffiin kaffaltii gibiraa jechuun kallattii sirnichaatiin dhiyaataa jiru yaaddoo guddaa uumuun daldaltootni hedduun hojii dhaabanii akka galaniif sababa ta’aa jira.

Oduuma kanaan walqabatuunis, Magaalaa guddittii Baalee Lixaa Roobee keessatti daldaltootni hedduun gatii gibiraa kaffaluu diddan maqaa jedhuun dukkaanni isaanii jalaa samsamee kan jiru yoo ta’u, giddu galli gabaa piikook kan ilmaan Oromoo keessatti daldalatanis gibira humnaan olii kaadirotni bilxiginnaa gaafatan kaffaluu dadhabuun guutummatti akka cufamee fi manneen daldalaa namoota dhuunfaa hedduunis bifuma kanaan cufamanii jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti manneen daldalaa qofa osoo hin taane namoota hojii dhuunfaa isaanii banatanii hojjetan kanneen galii xiqqaa argatanii ittiin of jiraachisanitti gatiin gibiraa guddaan waan dhufeef hojii kan dhaaban ta’uu dubbachuun, dargaggeessi mana rifeensaa hojjetee of jiraachisu tokkos qarshii kuma soddomii shan gaafatamuu fi waan kaffalu dhabee manni hojii isaatii cufamee jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version