ONM-ABO
Onkoloolessa 9, 2023 Ajjeechaa bartee kan godhatan tiksitootni impaayera Itoophiyaa yeroo ammaas namootni nagaan haala suukanneessan ajjeefamuu bira darbee jumlaan mana hidhaatti guuramaa jiraachuun, namuu Oromiyaa keessatti yoom duuna laata jechuun jiruu yaaddoo jiraachuutu himama.
Nama nagaa ajjeesuu akka gootummaatti kan fudhatan tiksitoonni kun lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukutee keessatti dheengadda jechuunis Onkoloolessa 7, 2023 namoota maqaan isaanii Wanduu Boxee Gonfaa fi Katamaa Hambassaa jedhaman mana isaaniitii gadi waamun rasaasaan tumanii ajjeesan jedhu jiraattootni.
Wanduun dargaggeessa barataa kutaa 12ffaa yoo ta’u, nama siyaasa irraa bilisa ta’ee fi barumsa baratuun cinaatti hojii qonnaa maatii isaa akka gargaarutu himama.
Akkasuma Katamaa Hambassaas abbaa maatii 4 fi hojii qonnaan nama ofiif maatii isaa jiraachisu ta’u jiraattotni dubbachuun, obbo Girmaa Xaafaa nama jedhamus bara darbe magaalichuma keessatti kan ajjeesanii fi dheengadda gaafa Onkoloolessa 7,2023 ammoo haadha manaa obboo Girmaa Xaafaa Aaddee Baay’isees ijoollee ishee irraa fuudhanii mooraa waraanaatti galchanii dararaa jirus jedhan.
Gandichuma keessatti kamisa darbe Onkoloolessa 5, 2023 Zarihuun Wayyeessaa fi Bokii Tarrafaa kanneen jedhamanis ajjeesuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

