ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2023
Lola impaayerattii keessatti adeemaa jiruun ilmaan Oromoo yeroo ammaa hiraarfamaa jiraachuun, gochaa isaanii malee hawaasni siyaasa hin beeknee fi harki caalaan isaanii hojii qonnaa irratti bobba’aanii jiraatan haala suukanneessaan ajjeefamuu bira darbee reeffi isaanii illee kaafamee akka hin awwaalamnetti hidhattoota garee maafi’aa PPn lafa irraa duguugamaa jiru.
Bu’aa siyaasaaf jecha hidhattootni dhiiga qulqulluu dhangalaasaa jiran kun lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Kilbee jedhamu jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Onkoloolessa 16, 2023 ganama haadhaa fi ijoollee ishee dabalatee namoota kudha lama rasaasaan tumanii ajjeesuun namoota lama ammoo maddeessuu jiraattotni dubbatan.
Namootni ajjeefaman kunneen barataa Warquu Alamuu Margaa, Diroo Urgeessaa Hirkoo, Diroo Abdiisaa, Tashoomaa Bisiraa eeguu, Abdiisaa Dabalaa, Maskaram Biraanuu Walee, B/saa Camarraa Qananii, Xoonaa Tolasaa, Baqqalaa Asaffaa Abbooyyee, Bashuraa Guutaa fi Mootummaa Guutaa Beekaa kanneen jedhaman ta’uun himame.
Ajjeechaan jumlaa hawaasa nagaa irratti raawwatame kun kan jiraattota gandicha rifaasisee fi gaddisiisee yoo ta’u, namootni hedduunis qe’ee fi qabeenyaa isaanii irra akka baqatan dubbachuun, sirnichi uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatanii akka hojjechaa jiranis dubbatan.

