ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023
Hojii bilisaan hojjechuun nutti ulfaatee jira kan jedhan hojjetootni waajjiraalee mootummaa kutaa adda addaa irraa hojjetan wal-gayii ariifachiisaa jechuun dheengadda mariirra akka turanis dubbatu.
Bifuma kanaanis Onkoloolessa 11, 2023 godina Jimmaa aanaa Gommaa keessatti marii haala yeroo irratti jechuun akkuma sagantaa eegalaniin rakkoolee keessoo dubbachuun kaadirootni PP akkaataa itti waraana bilisummaa Oromoo irratti hojjetanii fi toora miidiyaalee paartii badhaadhina akkataa itti jabeessan irratti haal duree ka’aatanii akka turanis hirmaataan sagantichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Akeekkachiisni Karaa kaadiroota PP darbe kunis namootni hojjetaa keenya taatan cufti Piroofaayiliin keessan hunduu teessuma abbaa Miila Sadii gochuu qabdu, toora miidiyaa paartii keenya hundaa laayikii, koomeentii fi sheerii akkasumas waajjira paartii badhaadhinaa sadarkaa aanaa, godinaa fi Oromiyaatti add, follow, gochuunis hordofaa jechuun namni guyyaa har’a irraa eegalee hin goone miidhama Jala jirtu jechuun doorsisaa turuus dubbataniiru.

