ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024
Bilxiginnaa fi ergamtoonni isaanii godinaa hanga aanaatti jiran sodaa lubbuu isaanii fi saamichaaf jecha namoota nagaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti jechuun hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti Oromiyaa keessatti jabeessanii kan jiran yoo ta’u, namoonni hedduunis biyyarraa godaanuuf dirqamanii jiru.
Godina Jimmaa keessatti waggootaa asitti namoota nagaa dararuu kan eegalan dabballoonni sirnichaa nageenya hawaasaa booressuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.
Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 21, 2024 aanaa Gommaa magaalaa Geenbee keessatti dabballoonni fi waraanni sirnichaa uummata walgahii baasuun ijoollee keessan irraa qabuun hanga fira keessaniitti WBO keessa jiran dafaatii galfadhaa jechuun akeekkachiisa itti kennuu jiraattotni walgahii sana irratti hirmaatanii turan yaada isaanii ONM’f himaniiru.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti yeroo xinnoo isiniif qabnee jirra, yeroo gabaabduu keessatti galchuu qabdu jechuun, maqaan Ilmaan keessanii nu harka jira kanaaf ammaaf maqaa keessan hin kaasnu ofuma keessanii of beekaatii galfadhaa jedhan jedhu.
Dabaluun yeroo gabaabduu keessatti hin galchitan taanaan rakkoo booddeen isinitti dhufuuf itti gaafatamaan matuma keessan ta’uu quba qabaadhaa jechuun itti dhaadataa akka turanis ibsan.
Akka jiraattotni jedhanitti ijoolleen Waraana Bilisumma Oromoo keessa jiran kunneen daa’ima miti, akkamittiin itti gaafatamuu dandeenya jechuun gaaffii gaafatanis gaaffii gaafachuu hin dandeessan dirqama isinitti kenname qofa raawwadhaa jechuun sagalee hawaasaas akka ukkamsan himan.
Kanumarraa ka’uun uummanni fayyaalessi kunneen waan hin beeknee fi quba hin qabnetti gidirfamuuf akka jiran ibsuun hedduu yaadda’uus dabaluun ibsaniiru.

