• Sun. Mar 29th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Gommaa keessatti doorsisni nurratti jabaate jechuun hojjettootni mootumma dubbatu 

Oct 17, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023

Hojii bilisaan hojjechuun nutti ulfaatee jira kan jedhan hojjetootni waajjiraalee mootummaa kutaa adda addaa irraa hojjetan wal-gayii ariifachiisaa jechuun dheengadda mariirra akka turanis dubbatu.

Bifuma kanaanis Onkoloolessa 11, 2023 godina Jimmaa aanaa Gommaa keessatti marii haala yeroo irratti jechuun akkuma sagantaa eegalaniin rakkoolee keessoo dubbachuun kaadirootni PP akkaataa itti waraana bilisummaa Oromoo irratti hojjetanii fi toora miidiyaalee paartii badhaadhina akkataa itti jabeessan irratti haal duree ka’aatanii akka turanis hirmaataan sagantichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Akeekkachiisni Karaa kaadiroota PP darbe kunis namootni hojjetaa keenya taatan cufti Piroofaayiliin keessan hunduu teessuma abbaa Miila Sadii gochuu qabdu, toora miidiyaa paartii keenya hundaa laayikii, koomeentii fi sheerii akkasumas waajjira paartii badhaadhinaa sadarkaa aanaa, godinaa fi Oromiyaatti add, follow, gochuunis hordofaa jechuun namni guyyaa har’a irraa eegalee hin goone miidhama Jala jirtu jechuun doorsisaa turuus dubbataniiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading