SQ-Onkoloolessa 18, 2023
Humnoonni Mootummaa ajjeechaa jumlaafi qeenxeen Uummata nagaarratti raawwachaa
jiraachuun dhagaa’ame!
Konyaa Lixa Shaggar Ona Jalduutti Onkoloolessa 15, 2023 namoota 10 ol
humnoonni mootummaa haala suukkanneessaan ajjeesaniiru.
Guyyaa kaleessaa jechuunis Onkoloolessa 17, 2023 Ona Ilfataatti immoo namoota shan ajjeesuu Sagaleen Qeerroo Uummatarraa mirkaneeffateera.
Namoota kudhan iddoo tokkotti walitti qabuun bakka tokkotti rashanuun namni tokko akka tasaa lubbuun keessa hafe jedhan jiraattonni.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jaldurraa humnoonni mootummaa gara Boonii deemaa turan daandiirratti WBO waliin walitti dhukaasaa turuu himu maddeen!
Dilbata darbe jechuun Onkoloolessa 15, 2023 waaree booda naannoo sa’atii kudhanii ganda Kelbee Aaboo Gooxii Guutii Burreetti humnoonni Shiftaa Mootummaa uummata manaa gadi yaasuun bakka tokkotti walitti qabani jedhan.
Namoota kudhan bakka tokkotti walitti qaban kana achumatti rashanan, namni tokko rukkutamullee lubbuun hafee jira jedhan.
Warquu Alamuu barataa yuunvarsiitii Riiftivaalii, Obboleessa isaa Bokii Alamuu kan lubbuun hafe, Dirribaa Abdiisaa abbaa ijoollee lamaa abbaa isaa Abdiisaa dabalaa waliin, Cammaraa Qananiifi Qananii Abdiisaa obbolaa lamaan, Barattuu Maskaram Biraanuu, Barattuu Dabaltuu Tashoomee abbaa ishee Tashoomee Bisiraa, Duroo Urgeessaa, Baqqalaa Asaffaa, Bashaanaa Mulunaa, Xoonaa Tolasaa kanneen jedhaman warra ajjeefame akka ta’an maddeen ni hinu!
Namoota kudhan bakka tokkotti rashanaman keessaa Bokii Alamuu rukkutamee kan lubbuun hafe yoo ta’u namoonni 9 battala ajjeefamanii jedhan.
Namoonni ajjeefaman kunneen qonnaan bultoota, barattootafi namoota hojii humnaa hojjetan akka ta’an maddeen kaasaniiru.
Daa’ima loon tiksaa ture gurraan hin dhageenyeefi afaaniin dubbachuu hin dandeenyellee guyyaadhuma walfakkaataa ganduma ollaatti ajjeesuu jiraataan kun himee jira.
Namoota ajjeefaman reeffa akka hin kaasne taasisuun qaamni namoota ajjeefamanii bineensaan nyaatame jira jedha maddi keenya kun.
Dilbata ajjeesanii reeffi akka hin kaafamne eega godhanii wiixata erga biraa deemanii uummanni qe’ee gadhiisuun baqatee ture kaleessa reeffa kaasuun bakka tokkotti awwaalle jechuunis dubbatu.
Gocha humnoota maqaa mootummaan socho’an kanaan kan
shororkeeffaman Uummanni nagaa qe’eesaa gadi lakkisuun kallattii garaagaraatti baqachaa jira jedhame.
Waraanni mootummaa kun nama ajjeesuun cinatti mana namaa saamuun, meeshaa caccabsuun, manatti ibidda qabsiisuun gubaa turanii jedhame.
Aanaa Ilfataattis humnoonni mootummaa kun namoota shan akka ajjeesan maddeen himaniiru.
Murni ajjeesuuf hidhoo akka hiikoo Siyaasa biyyaatti fudhate guyyaadhaa guyyaatti lubbuu ilmaan Oromoo naasuu malee harcaasaa jiraachuu yeroo garaagaraatti Sagaleen Qeerroo gabaasaa turuun ni yaadatama.
