ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2023
Seenaa abboota irree guutuu addunyaa irra turanii fi bulchiinsa impaayerattii yeroo ammaa walbira qabnee yeroo ilaallu, sirni bulchiinsa bilxigginnaa Faashistii Xaaliyaanii fi Naazii jaarman waliin Wal fakkeenya guddaa qabu.
Fakkeenya Hiitileer Kan ta’e mataan Nafxanyootaa Abiy Ayimad, gochoota duguuggaa sanyii raawwatu cinatti saamicha qabeenyaa geggeessa kan jiru yoo ta’u, akka jiraattonni godina lixa Harargee aanaa Bookee Xiqqoo dubbatanitti yeroo ammaa dargaggoota hojii humnaan bulan dabalatee abbootii qabeenyaa irratti saamichi daangaa hin qabne jabaatee jiraachuus dubbatu.
Akeekni saamicha labsamee jiruu Kun nuuf ifa miti Kan jedhan jiraattonni, qonnee ooyiruu irraa galfachuun jabaatee yeroo jiru kanatti, gibira lukkuu irraa eegale nurraa funaanuu bira darbee bakka nuti dalagaatti bobbaanu hordoffii milishootaan taasisaniin gaaffii maallaqa deggersa paartii badhaadhinaa jedhuun nu dararaa, yeroo nuti maallaqa gumaachinu hin qabnu jennutti reebichaa fi dirqiin fidaa jechuun nu saamaa jiru jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa aanaa Bookee Xiqqoo dubbatan.

