ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2023
Sochii fi tarkaanfii jajjabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo giddu gala Oromiyaa keessatti taasisaa jiruun kan baaraagan loltootni fi kaabinoonni PP, bifa haaloo baafannaatiin qe’eef qabeenya jiraattotaa gubanii barbadeessuu fi namoota nagaa hidhuu akkasumas ajjeessuu hammeessan.
Onkoloolessa 27, 2023 gochuma walfakkaataa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessatti dargaggoo Galaanaa Bojaa jedhamu loltootni maafi’aa PP balleessaa tokko malee qabuun rasaasa itti roobsanii ajjeessuu maddeen himan.
Dargaggoon kun dhalataa aanaa Jalduu bakka addaa Abeebee jedhamtu yoo ta’u, maqaa WBO’f nyaata geessita jedhuun qabanii erga ajjeessaniin booda reeffa isaa yeroo maatiin gaafatan “garee isaaf laanneerraa dhaqaa isaan harkaa fudhadhaa” jechuun itti qoosanii, bakkeetti gatuun Saree kan nyaachisan ta’uu maddeen dabaluun ibsan.
Waraanni cubbuu sirnichaa kunneen maatii ilmi isaanii jalaa ajjeefame gadda taa’uu dhorkuun, yoo teessan ammoo isiniinis itti daballee ajjeefna jedhanii itti dhaadachuus ONM odeeffate.

