ONM-ABO Sadaasa 10, 2023
Murni abdii kutannaa ulfaataan guutame bilxiginnaan bulchiinsa gaarii ijaaree sabaaf sablammoota waliin nagaaf jaalalaan jiraachuu irra, jiruuf jireenya isaa guutuu ajandaa badii qabatee guyyuu Kan hojjetu, milishootaa fi waraana sirna dhabdee ijaaree jeequmsa uumuun saamicha daran ulfaataa ilmaan Oromoo irratti raawwatee raawwachiisaa jira.
Bifuma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Haayinoo Gammoojji jedhamu keessatti sadaasa 9, 2023 milishoota baay’inni isaanii 70 ta’an qubsiisuun maqaa caasaa fi hojiimaata sirna bilxigginnaa waraanni bilisummaa Oromoo nu jalaa diige ijaarra jedhuun uummataan gumaacha maallaqaa fi nyaata milishootaaf guyyaa guyyaan dhiyeessitu jechuun dararaa akka turan dubbatu.
Rakkoon gama waraana impaayerattiin ta’aa jiru waggootaa 5 oliif Oromiyaa keessatti hawaasa nagaa irratti jabaatee jiru kun, uummatni akka hojjeetatee hin jiraannee fi namni dhiiga Oromootin dhalate cufti barjaa WBO fudhatee lubbuun darbuu, jireenyi isaa guutuun mana hidhaa ta’uu fi saamichi adeemaa jiru Kun egeree keenyaaf yaaddoo ulfaataadha jedhu jiraattonni ona Daaboo Haannaa yaada isaanii Arraata Biyyoleessa Oromiyaaf kennaniin.

