ONM-ABO sadaasa 13, 2023
Ilmaan Oromoo impaayera Itoophiyaa keessatti Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun saamicha, hidhaa fi ajjeechaan irratti jabaatee Kan jiru yoo ta’u, Sadaasa 9, 2023 godina lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Ilikee keessatti barataan kutaa 8 maqaan isaa Margaa Leellisaa jedhamu osoo haatii isaa boossuu harkaa fuudhanii ija maatii duratti rasaasa itti roobsun ajjeesan.
Oduu hidhaatiin aanuma Jalduu magaalaa Shukutee Keessatti hidhaan jabaatee jiraachuu jiraattotni himuun, torban kana keessa qofaa namootni hidhamanii jiran hedduu akka ta’aanii fi namoota muraasni maqaan nu ga’e Xilahuun abbaa maatii, Girmaa Dirribaa, Takkaa Tashoomaa, Shukkaa Guddisaa abbaa maatii fi maanguddoo Tarreessaa Xiiqii jedhaman magaalaa Shukutee keessatti hidhamanii jiraachuu dabaluun dubbatu.
Dabalataanis ganda Ilikee Keessaa ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabdaan namootni hidhamanii jiran Moosisaa Lammii fi Darajjee Gaaddisaa abbaa maatii Kan ta’e dabalatee guyyaa kaleessaa Sadaasa 12, 2023 waraana Maafi’aa PPn namootni hedduun qabamanii hidhamuun isaanii Kan beekame yoo ta’u, dargaggoon Dhaabaa Taajjabaa jedhamus ganda Shukutee Qonnaan Bulaa Keessaa hidhamuu isaa dabaluun ibsaniiru.

