Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar magaalaa Baakkoo keessatti loltootni PP walitti dhukaasanii wal ajjeesuun dhaga’aame

ONM-ABO sadaasa 13, 2023

Waraanni PP Loogii, Jibba sanyummaa fi seera dhabdummaa mooraa isaanii keessatti dagaageen wal irratti duulaa, nagaa wal dhorkachaa fi wal ajjeesaa jiraachuun isaanii kan beekamuu yoo ta’u, warreen badiisaa fi mancaatii itti dhufaa jiru dursanii arguun sirnicharraa abdii kutatan ammoo meeshaa isaanii waliin miliqaa jiraachuu namuu quba qaba.

Haaluma kanaanis Lixa Shaggar Wallaggaa aanaa Baakkoo magaalaa Baakkoo ganda 01 keessatti loltootni PP sabaan Amaara ta’aan loltuu sabaan Oromoo ta’e tokko daandii gubbaatti qabuun ati gara Waraana Bilisummaa Oromootti badaa jirtan jechuun kaleessa jechuun sadaasa 12, 2023 rasaasaan rukutanii ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jibbiinsi sanyummaa Ilmaan Oromoo fi Amaaraa gidduu jiru mooraa waraana bilxiginnaa keessatti akka malee babaldhatee jiraachuun walqabatee miseensonni isaanii wal ajjeesaa kan oolan yoo ta’u, mooricha keessatti olaantummaa kan qaban ilmaan Habashootaa Oromoota irratti xiyyeeffachuun maqaalee garaa garaa itti maxxansanii fuula waraanaa duratti ajjeesaa jiraachuu fi dararaa fi doorsisnii miseensota Oromoo ta’aan irratti raawwatamaa jiru guddaa ta’uu loltootni PP WBOtti harka kennatan irra deddeebiin dubbachaa turuun isaanii ni yaadatama.

Viidiyoon gocha badii miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifame kan kashalabbootaa fi kan shira siyaasaa qabu ta’uu qondaalli WBO dubbatan.

Exit mobile version