Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar keessatti waraanni faashistii namoota qaro dhabeeyyiin maaliif mirga keessan gaafattan jechuun hidhan 

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Gareen maafi’aa PP aangoo giddu galeeffatee barcuma siyaasa isaa jabeeffatee jiraachuuf hojjechaa jiru namoota na mormu jedhu hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi godaansisaa jira, namoota qaama hir’eeyyiitti darbuun maaliif gaaffii mirgaa gaafattan jechuun godina Kibba Lixa Shaggar keessatti qabanii hidhan.

Sadaasa 9, 2023 qaro dhabeeyyiin godinichaa aanota adda addaa irraa  deggersa mootummaa barbaacha namootaan harkifamanii magaalaa Wallisoo keessa olii fi gadi waajjira irra deddeemuun fala dhabanii itti gaafatamtuu Waajjira Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa godina kibba lixa Shaggar bira deemuun hiriira seera qabeessan akka geggeeffatan itti himanii ba’an.

Waajjira sanaa ba’anii gara magaalaatti deemanii konkolaataa qabatanii gara aanota irraa dhufanitti deebi’uuf yeroo jedhan namoota Mul’ataa fi Shibbiruu jedhaman qabanii deeman.

Kana malees qaro dhabeeyyii gara magaalaa Tullu Boollootti konkolaataa koranii deemaa turan 2 poolisiin konkolaataa waliin seenuun karaatti irraa buusee reebuun tokko irraa ilkaan yoo cabsan kan biraa ammoo laphee irra rukutuun miidhamanii lachuun isaanii yeroo ammaa yaalamaa jiru.

Murni faashistii PP mirga namoota cufaa ukkaamsee daandii isaa qofa irra nama deemsisuuf hojjetu, qaro dhabeeyyii mirga isaanii gaafatan karoora isaanii fashaleessuun cinaatti miidhaa irraan ga’uu isaaniitti kan gaddan jiraattotni namoota qaamolee nageenyaa kan yeroo sanatti baqataa turan gargaaraa turuu maddeen himuun lammiin deggeramuu malan yeroo miidhaman nama gaddisiisa jedhaniiru.



Exit mobile version