Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Manni Murtii Paakistaan Muummicha Ministeeraa duraanii Imraan Kaan torbee dhufu akka dhiyaatan ajajuu Aljazeeraan gabaase

ONM-ABO Sadaasa 24, 2023

Manni murtii Paakistaan  dhimma iccitii mootummaa ba’e jedhameen walqabatee  muummicha ministeeraa duraanii Imraan Kaan torban dhufu mana murtiitti akka dhiyaatan aanga’oota gaafachuu Aljazeeraan gabaasa kaleessa qabatee ba’een ibse.

Manni murtii addaa seera iccitii qabeessa ta’e jalatti magaalaa guddoo Islaamaabaaditti Kamisa kaleessaa hundeeffame akka jedhetti, Kaanii fi Ministirri Dhimma Alaa duraanii Shaah Mehmood Qureshi, kan mana hidhaa keessa jiran, Sadaasa 28 mana murtiitti dhiyaachuu qabu jedhe.

Kaan erga baatii Hagayyaa keessa dhimma biraa kennaa mootummaa seeraan alaa fi mootummoota biyya alaa irraa bara 2018 hanga 2022tti muummicha ministeeraa turetti argate gurguruun waliin walqabatee yeroo jalqabaaf ummata duratti dhiyaata.

“Amma ajajni mana murtii kun hojiirra ooluu isaa ilaaluu qabna,” jechuun abukaatoon Kaan, Na’eem Paanjuutaa, Kamisa darbe barreeffama Twitter jedhamuun beekamu irratti maxxansaniin ibsan.

Khan, maanguddoo ganna 71 yoo ta’u, Ebla bara 2022 paarlaamaa keessatti sagalee amantaa erga dhabee booda muummicha ministeeraa ta’uu irraa kaafameera. Aangoo Muummicha Ministeerummaa irraa kaafamuu isaas shira Ameerikaan mormitoota siyaasaa isaa fi waraana humna guddaa qabu waliin ta’uun xaxatte jechuun komachuu Aljazeeraan gabaasee jira.

Exit mobile version