Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hoogganaan basaasaa Paakistaan duraanii waraanaan ukkaamfame

ONM-ABO Hagayya 13, 2025

Hoogganaan basaasaa Paakistaan duraanii, bara Muummicha Ministeeraa duraanii Imraan Kaan mana hidhaa keessa turanitti tajaajilaa turan to’annoo jala ooluu isaanii waraanni biyyattii wiixata kaleessaa beeksiseera.

Letenaant jeneraal Faayiz Hameed ejjennoo aangoo isaaniitti seeraan ala fayyadamuu fi daldala misooma qabeenyaa weeraruun himatamee akka ture sanadoonni Mana Murtii Olaanaa bara darbe maxxanfaman ni mul’isu.

“Ajaja Mana Murtii Olaanaa Paakistaan eeguun, manni murtii qorannoo bal’aan Waraana Paakistaan gaggeeffameera.

Kanarraa kan ka’e, tarkaanfiin naamusaa sirrii ta’e Letenaant Jeneraal Faayiz Hameed irratti jalqabameera,” jechuun waraanni kun ibsa wiixata kaleessaa baaseen ibseera.

Hidhamuun Hameed Paakistaan keessatti waan hin baratamne yoo ta’u, waraanni erga walabummaa argatee waggoota 77 keessaa 30 bulchaa kan ture yoo ta’u, ammas aangoo siyaasaa guddaa qabaachuu itti fufeera . 

Hameed bara 2021’tti Taalibaan aangoo erga argatee yeroo muraasa booda kutaa seensaa hoteela Afgaanistaan Kaabuul keessatti shaayii dhugaa yeroo argamu xiyyeeffannoo idil-addunyaa argateera.

Hogganaan basaasaa duraanii kun akka michuu Kihanitti kan ilaalaman yoo ta’u, dhuma bara 2022’tti soorama dafanii kan ba’aniiru. Kunis erga muummichi ministeeraa duraanii aangoorraa kaafamanii ji’oota muraasa booda.

Kihaan bara 2023 irraa eegalee mana hidhaa kan ture yoo ta’u, malaammaltummaa dabalatee himannaa hedduu kan deeggartoonni isaa siyaasaan kan ka’e ta’uu himatan irratti dhiyaateera jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Exit mobile version