Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ministirri Muummee Maaleezhiyaa duraanii dubbii maqaa balleessii dubbateen nama siyaasaaf doolaara 300,000 akka kaffalan ajajan

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Manni murtii Maaleeziyaa Jimaata kaleessaa muummichi ministeeraa duraanii Muhyiddin Yassin dhimma maqaa balleessii irratti nama siyaasaa biraaf doolaara 300,000 ol akka kaffalu ajajuun rakkoo seeraa hogganaa mormituu kanaa irratti dabaleera.

Muhyiddin bara 2020 hanga 2021 jidduu ji’oota 17f muummicha ministeeraa kan turan yoo ta’u, mootii duraanii arrabse jedhamuunis fincila kaasuun kan himatamaniiru. Malaammaltummaa, maallaqa seeraan alaa daddabarsuu fi  dhimmoota adda addaatiin himatamaniiru. 

Manni murtii olaanaa Kuwaala Laampur Muhyiddin Bitootessa 2023 maxxansa Feesbuukii walitti fufiinsaan barreesseen Ministira Maallaqaa duraanii Liim Guyaan Eng irratti jechoota maqaa balleessii dubbateef beenyaa maallaqa biyyattii ringitii miiliyoona 1.35 (Doolaara 308,078) akka kaffalu ajaje jechuun dhaabbati oduu Bernama gabaaseera.

Manni murtichaas Muhyiddin ibsa kennaman akka ofirraa deebisu ajajee ajaja dhorkaa himannaa kana irra deebi’ee akka hin dubbanne ittiseera.

Muhyiddin ibsa fuula feesbuukii isaa irratti maxxansee irratti ajaja mana murtii kabajuun ol’iyyannoo akka dhiyeessu fi maxxansaalee miidiyaa hawaasaa isaanii irraa akka haqan dubbataniiru.

Liim Jimaata kaleessaa himannaan isarratti dhiyaate sobaa fi bu’uura kan hin qabne waan ta’eef murtii kanaaf galata guddaa akka qabu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan jechuun Rooyitars gabaaseera.

Exit mobile version