Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lammiileen Falasxiin mana hidhaatii bahan namoota jaallatan waliin deebi’anii wal arguu Aljazeeraan gabaase

ONM-ABO Sadaasa 25, 2023

Israa’el waliigaltee Kaataar gidduu galeessa godhateen guyyaa kaleessaa Sadaasa 24, 2023 booji’amtoota Israa’el 13 Hamaasiin bilisa ba’an waliin walsimuun hidhamtoota Falasxiin 39 gadhiisteetti. Dhaabbata miti mootummaa garee Hidhamtoota Falasxiin kan hoogganan Qaduraa Faares akka jedhanitti, hidhamtoonni 33 West Baankii keessatti bilisa bahan garee koree Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa irraa dhufaniif kennamuu ibsuun kanneen hafan ja’an ammoo Yerusaalemitti gad lakkifamuu himaniiru.

Gama lachuutiin gadhiifamuun kun qaama waliigaltee waraana Israa’el fi Hamaas Jimaata kaleessaa jalqabee guyyoota afuriif waraana dhaabuuf taasifameen wal qabateeti. Guyyoota afran itti aanan keessatti hidhamtoonni Falasxiin 150 fi booji’amtoonni Israa’el 50 bilisa ba’uuf jiru jechuun eegama. Bara 2015 yeroo umriin ishee waggaa 16tti kan hidhamte Maaraa Bakeer namoota Yerusaalemitti gadhiifaman keessaa tokko turte.

Hidhamtoonni gadhiifaman hedduun yaala fayyaa akka barbaadanis Al Jazeeraatti himteetti. ”Hidhamtoonni hundi yeroo hidhamanitti loogii yaalaa olaanaan isaan mudateera,” jetteetti. Maatii ishee waliin yeroo dabarsuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jirtuu fi barnoota seeraatiin digrii argachuuf yunivarsiitiitti galmaa’uuf yaadaa akka jirtu dubbachuu Aljazeeraan gabaasee jira.

Wal waraansa Israa’elii fi Hamaas ilaalchisuun Muummichi Ministeeraa Biriteen duraanii kan dhiheenya kana ministeera haajaa alaa biyyattii ta’an Daaviid Kaameruun, Israa’el nageenya akka argattuuf Falasxiinotaaf “nageenyaa fi tasgabbiin yeroo dheeraa” jiraachuu qaba jechuun BBCtti himaniiru.

Exit mobile version