Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Surni abdii murate bakka Oromiyaa bakka cufattiyyuunamoota nagaa jumlaan daguuguu itti fufee jira

SQ-Muddee 11, 2023

Baatii darbe Sadaasa 24/2023 godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuu ganda Sankooraatti waraanni PP namoota  8 ajjeesuun hawaasni sodaa lubbuu isaaniif qe’ee gadhiisanii akka baqatan taasisanii jiru.

Qonnaan  bultoonni ajjeefaman kunis

  1. Dirribaa Waggaarii,
  2. Addisuu Walee,
  3. Dojaa Ayyalee,
  4. Roobaa Dassaalee,
  5. Ibiraahim Ahimed,
  6. Obbo Magarsaa fi namoota lama reeffi argamee awwaalame kan maqaan nu hin geenye ture.

Qonnaan bultootni kunneen Oromummaa isaanii qofaaf kan ajjeefaman yoo ta’u, obbo Dirribaa jalaa  qarshii  20,000 fudhachuun ajjeesan.

Obbo Dojaa kan jedhamu ammoo fayyaatti harka irraa cubeen gogaa baasanii laastika itti maruun erga gubanii booda rasaasaan rukuchuun ajjeesan.

Aanaa Haroo Limmuu ganda Kalaalaa   keessatti ammoo reebichi qaamaa hamaa raawwachuun namootni hedduun miidhamanii jiru. Kanneen miidhaman keessaa kan maqaa arganne;

  1. Tashoomaa Gonfaa,
  2. Dabalaa Hayiluu,
  3. Galoo Takkumaa,
  4. Caala Adimaasuu,
  5. Caalaa Urgeessaa,
  6. Hambaa Tarfaasaa,
  7. Taaddalee Abbabaa,
  8. Dabalaa Abbabaa,
  9. Abdiisaa Adimee,
  10. Gammchuu Ayyalaa,
  11. Dhugaasaa Nagaraa,
  12. Shamarree Loomee
  13. Olaanii…
  14. Naggasu Faajigoo,
  15. Gaddafaa Dullumee,
  16. Asaffaa Boosharaa,
  17. Dabalaa Ayyaanaa fi 19. Margaa Asaffaa ta’uun barameera.

Kana malees namoota hedduu saamuun manneen danuus qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessanii jiru.

Kanneen manni jalaa gubate obbo 

  1. Jawaar
  2. Obbo Shallamaa Arattaa fi 
  3. Obbo Fayyeera Tafarraa jalaa yoo ta’u, jarreen kun jiraattota Ganda Sankootaa ta’uu maddeen aanaa Haroo Limmuu himaniiru.
Exit mobile version