ONM-ABO Mudde 18, 2023
Hidhattootni murna bilxiginnaa yeroo ammaa baay’inaan mooraa isaanii keessatti wal qoqqoodiinsi sanyummaa uumamuun guyyaa guyyaan ajjeechaa wal irratti raawwachaa oolu.
Haaluma kanaan kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Cirrattii keessatti gaafa muddee 16, 2023 halkan toora sa’a 9tti miseensi raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa sabaan Amaara ta’e tokko loltoota sabaan Oromoo ta’an lama irratti Dhukaasa banuun ajjeesuu maddeen magaalichaa himan.
Lola TPLF waliin waggaa lamaa oliif taasisaa ture irrattis ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan lakkaa’aman lubbuu isaanii kan itti dhaban yoo ta’u, har’as ilmaan Oromoo mooraa sirnichaa keessatti miidhaan hanga kana hin jedhamne irratti raawwachaa akka jiruu fi sabaan wal qooduun akka malee babal’atee jiraachuutu dubbatama.
Akka jiraattotni jedhanitti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Amaara ta’e kun ilmaan Oromoo kana erga rukuteen booda gara humnoota finxaaleeyyii faannootti akka miliqes maddeen gabaasaniiru.
Oduu biraatiin ammoo kaabuma Oromiyaa magaalaa Caffaa roobit keessatti murni faashistii PP kun gaafa Muddee 13, 2023 guyyaa roobii gabaa Caffaa waan ta’eef bakka hawaasni walitti dhufee bittaa fi gurgurtaa gaggeeffachaa jirutti gabaa walakkaatti dhukaasa banuun akka namootni wantoota gurgurachaa jiran dhiisanii baqatan taasisuun uummatni maallaqaa fi mi’oota gatanii baqachaa turuus maddeen dabaluun gabaasaniiru.

