Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa Magaalaa Baatuu keessaa waraanni raayyaa Ittisa Impaayera Itoophiyaa 2 WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Muddee 29, 2023

Tarkaanfii gootichi waraana bilisummaa Oromoo humna diina irratti haleellaa qinda’aa guutuu Oromiyaa keessatti fudhachaa jiruun walqabatee akkasuma sirna cubbamaa ilmaan Oromoof naasuu tokkoo hin qabne jibbuun gara mooraa qabsoo haqaatti makamaa jiru.

Akkuma kanaanis Muddee 28, 2023 loltoonni Impaayera Itoophiyaa 2 kan sabaan Oromoo ta’aan godina Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Baatuu keessaa hidhannoo guutuu waliin gooticha waraana bilisummaa Oromoo Horroo Guduruu Wallaggaa keessa socho’uutti akka dabalaman maddeen waraanaa Onichaa Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Loltootni murna bilxiginnaa keessatti maqaa nageenya Impaayera Itoophiyaa eegnaa fi Itoophiyaa diigumsa irraa baraarra jechuun karaa qondaaltota bilxiginnaa leenjifamuun bobbaafaman kunneen gochaa sirnichi saba Oromoo irratti dalagaa jiru duguuggaa sanyii ta’uu hubanne Kan jedhan loltoonni kunneen.

Loltoonni kunneenis qawwee AKM turkii tokko dachaatuu 1, Boombii harkaa 4 ,rasaasa 480 fi gumbii 6 mooricha keessaa baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.

Loltoota kanaafis karaa WBO simannaa hoo’aan kan taasifameef yoo ta’u, xumura irrattis ijoollee Oromoo lola isin hin ilaallanne irratti hirmaatanii lubbuu keessan hin dhabinaa, gara qabsoo haqaa WBOn geggeefamuutti dabalamaati sabaa keessan bilisoomsaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version