Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Shaashamannee keessa maanguddoo tokko ilma keetu WBOdha jechuun qabanii hidhan

ONM-ABO Amajjii 10, 2024

Waraanni faashistii PP godina Arsii Lixaa magaalaa Shashamannee keessatti maanguddoo tokko ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun Wiixata darbe Amajjii 8, 2024 qabanii hidhuun dararaa jiru.

Maanguddoo hojii isaanii malee yeroo gargaaramuu qabanitti maqaa siyaasaan hidhaman kun maqaan isaanii Boshoo Wariisaa kan jedhaman yoo ta’u, yeroo buufata poolisii bakka 81 jedhamutti argamu.

Abiy Ahimed maanguddootaaf nyaataa fi gargaarsan taasisaa jira jechuun namoota muraasa miidiyaan agarsiisee bu’aa siyaasaa irraa tolfatus dhugaan jirtu garuu Oromiyaa keessatti namootni rifeensa lama biqilchan hedduun isaanii waraana murna bilxiginnaa kan ajjeefaman, hidhamanii fi qe’ee irraa godaansifaman ta’uun ni beekama.

Exit mobile version