Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa aanoota lixa Harargee keessatti sarbaminsi mirgoota namoomaa jabaatee jiraachuu jiraattotni ONMtti himaniiru

ONM-ABO Amajjii 15, 2024

Godina Harargee lixa aanaa Gammachiis araddaa Waleensoo Hara-Baafannoo ganda Jaarsoo keessatti maqaa obolleessi kee miseensa WBOti jedhuun abbaa ilmaan 8tti kan ta’e obbo Abdallaa Sheek-Muusaa jedhamu yeroo ammaa maatii isaa irraa humnoota waraana PPtiin qabamee mana hidhaa keesaatti dararamaa jira jechuun jiraattotni dubbatu.

Lixuma Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessaa jiraataa ganda 01 Kan ta’e, Sheek Naasiruu kan jedhamu Amajjii 12, 2024 maatii isaa irraa hariiroo WBO waliin uumtee jirta jechuun waraanni maafi’aa PP qabuun mana hidhaa magaalaa Hirnaa keessatti hiraarsaa jiru.

Aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Barakaa keessatti ammajjii 13, 2024 Umar Mohaammed Kan jedhamu haadhi Warraa isaa de’umsaaf mana yaalaa deemaa kan jirtu,innis ishee waliin kan turee fi badii tokko malees waraana PPtiin reebichi irratti raawwatamuun kan himamu yoo ta’u, Hamzaa Aliyyii Kan jedhamu ammoo humnoota waraanaan qabamee eessa buuteen isaas hanga ammaatti hin beekamin jira jechuun dubbatu.

Exit mobile version