ONM-ABO Muddee 3, 2024
Oromiyaa keessatti kaabinoonnii fi waraanni sirna maafi’aa PP lafa socho’an cufatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo uummata nagaatti maxxansuun saamicha irratti raawwachaa jiraachuun isaanii ni beekama.
Kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa qabeenyaa dafqa haadha hiyyeessaa saaman kana qooddannaa irratti walii galuu dadhabuun yeroo hedduu hidhaa hanga ajjeechaa wal irratti raawwachaa turuun isaanii kan beekamuudha.
Kibba lixa Shaggar aanaa Toleetti gaafa Amajjii 28 /2024 halkan toora sa’a1:00 hanga 2:00 gidduutti bulchaa Aanaa Tolee Fayisaa Dhaabii, Haabtaamuu Hulluuqaa I/G Waajjira Qonnaa fi Moosisaa Daandanaa I/G Waajjira Fayyaa kanneen jedhaman hooggantoota waraana murna bilxiginnaa waliin mana bunaa Obbo Galaayee Boyidootti hirbaata nyaachaa osoo jiranii dhimma maallaqaa irratti wal dhabuun reebicha hamaa hidhattootni kunneen irratti geggeessuu maddeen taatee kana argan ONMtti himaniiru.
Waraanni akka baayinaan aanaa sanatti bobbaafamanii saamicha hawaasa nagaa irratti geggeessaniif waamaman kunneen kaabinoota kana irratti reebicha hamaa hanga hidhaa raawwachuu himuun, bulchaa aanaa Obbo Fayyisaa Dhaabii yeroo ammaa kana mataa isaa iddoo sadii falaxuun harka isaas cabsanii hopsitaala magaalaa Baantuu keessatti yaalamaa akka jirus dabaluun ibsaniiru.
Akkasuma kaabinoota hedduus meeshaa isaanii irraa hiikuun mana hidhaatti galchanii jiraachuu fi saamichi kaabinootaa fi waraana sirnichaan hawaasa nagaa irratti adeemsifamaa jiru jabaachuus dabaluun ibsan.

