Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti waraanni maafi’aa PP saamicha hidhaa fi reebicha jiraattota irratti raawwatan

ONM-ABO Bitootessa 19, 2024

Umurii sirna nama nyaataa bilxiginnaa gabaabsuuf qabsoo hidhannoo WBO’n geggeessaa jirutti baraaguun murni maafi’aa PP diddaa uummatni dammaqinaan hubatee qabsootti jiru caasaa isaa diiguuf jecha hawaasa nagaa irratti reebicha, saamichaa fi hidhaan namoota hiraarsuu irratti argamu.

Bitootessa 17, 2024 godina kibba lixa shaggar aanaa Tolee gandoota baadiyyaa Armuufo Tajii fi Armuufo Soolee jedhamutti waraanni maafi’aa sochii taasisuun qabeenyaa hawaasaa saamuun Re’ootaa fi Hoolota qalatanii yoo nyaatan dabalataanis namoota nagaa hedduu irratti reebicha geggeessuun himame.

Namootni gandoota lamaan armaan olitti heeraman kunneen keessaa qabamuun hidhaman hedduu akka ta’anii fi muraasni maqaan isaanii nu ga’e Nugusee Saafuu, Taarikuu Shibbiruu, Hirphaasaa Garramaa Dirribaa Dagguu fi ilma obbo Lammeessaa kan maqaan isaa nu hin geenye dabalatee hedduu akka ta’aniis beekameera.

Exit mobile version