ONM-ABO Guraandhala 6, 2024
Rakkoon impaayera Itoophiyaa keessatti waggoottan 6n darban irraa eegalee uumamuu jalqabe guutuu Oromiyaa keessatti babal’achuun saba Oromoo irratti Kufaatii hawaas-dinagdee uumuun namnuu qe’ee isaa irra nagaan akka hin jiranne gochuu irratti argama
Akkuma kanaanis qondaaltotni sirna bilxiginnaa ajandaa guyyaa godhachuun hawaasa irratti tarsimoo badii baasa Kan oolan jiraattota baha Oromiyaa aanolee garagaraa keessa jiraataan irratti sababoota quubsaa hin taaneen saamichi maallaqaa geggeefamaa akka jirus dubbatu
Aanota kanneen akka Odaa Bultum, Gammachiis, Ciroo, Habroo Bookee fi kanneen hafan biroo keessatti Amajji 1,2024 irraa eegaluun tokko tokkoo manneen jiraattota irra deemuun qarshii 400 irraa saamaa akka turanis jiraattotni ONMtti himaniiru
Dabalataanis aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti kaadirootni PP dhoksaan wal-gayii taa’uun akkaataa ittiin hawaasa dadhabsiisuun WBO waliin wal jibbisiisan soquun marii icciitawaa gochaa turaniin maallaqa guddaa qarshii 5000-10000 harka fuudhuun dinagdeen sabicha kufaa taasisna kan jedhuun irratti walii galanii akka xumuranis hirmaataan wal-tajjichaa tokko ifoomseera.

