ONM-ABO Guraandhala 12, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti, Guraandhala 9, 2024 halkan magaalaa Eelaa seenuun tarkaanfii guggubduu, diinaaf lukkeelee diinaa irratti kan fudhate yoo ta’u, aarii kana irraa ka’uun murni bilxiginnaa keessoo isaaniitti wal shakkuun maqaa isintu WBO naannoo kana fidee nu rukkuchiise jedhuun mana hidhaatti wal guuraa jiraachuu keessa beektonni ibsan.
Namoonni hidhaman kunneen Sayid Awwal itti Gaafatamaa aanaa Baatee, Mohaammed Sulxaan itti Gaafatamaa bulchiinsa aanaa Baatee kan ta’aan maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun qabamanii hidhamuu himan.
Tarkaanfii jajjabeen WBO magaalicha seenuun fudhate kanaanis kaabinoonni PP hedduun WBO dhaan kan too’ataman yoo ta’u, murni bilxiginnaa yeroo ammaa rifaatuu fi shakkii guddaa keessa seenuun tarkaanfii, hidhaa kanas walirratti fudhachaa jiru jechuun jiraattotni dabaluun dubbataniiru.
Yeroo ammaa magaalaa Baatee ganda Eelaa keessatti hidhattootni sirnichaa doorsisaa fi saamicha hawaasa nagaa irratti taasisan jabeessuun egereen sabichaas yaaddessuu himan.

