ONM-ABO Guraandhala 21, 2024
Murni bilxiginnaa yeroo ammaa bakkeewwan adda addaa keessatti hanqina dinagdee qaqqabeef jecha humnoota waraanaa raayyaa ittisaa jechuun waaman bobbaasuun kallattii itti laatanii godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanolee hundaa keessatti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun himame.
Haaluma kanaanis Guraandhala 11, 2024 sochii guddaan waraana gabroomsaa PP’n taasifamuun onoota Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti saamicha maqaa gibira, inshuraansii fayyaa, waalqoo fi sabboontota ari’anii qabuu jedhuun kallattiin kennameefii namoota nagaa adamsuun hiraarsaa akka jiranis dubbatu.
Dabalataanis Inshuraansii fayyaa hawaasa irraa dirqamaan funaantu waraana waliin ta’uun jechuun ogeessota fayyaa hiraarsaa akka jiranis himu.
Dhiibbaa guddaan ogeessota fayyaa irra ga’aa jiraachuun kan himamu baatilee darbe keessa dokteerota lama kan ammaaf maqaan isaanii nun geenye hospitaala Shaambuu irraa qabuun yeroo dheeraaf hidhanii erga turanii boodas maqaa WBO deggerta jedhuun hojii irraa ari’anii akka jiranis dabaluun himu.

