Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP 5 godina lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti WBO’tti makaman

ONM-ABO Bitootessa 16, 2024

Murni faashistii PP aangoo isaa tikfachuuf ilmaan impaayerattii maqaa birmadummaa biyyaa fi olaantummaa seeraa tiksina jedhuun hummaan qe’ee isaanii irraa qabee leenjii waraanummaa kenneefii kaayyoo abaaramaaf bobbaasus, loltootni PP kun badii sirnichi hojjechaa jiru hubachuun gara qabsoo saba isaaniitti dabalamaa jiru.

Haala kanaanis dheengadda Bitootessa 14, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Kobor irraa loltootni 4 qawwee Turkii 4, rasaasa 400 fi boombii 8 qabatanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Loltootni barcuma Abiy Ahimed akka tiksaniif bobbaafaman kun guyyuma dheengaddaa aanuma Begii magaalaa Shaalxaa mooraa Kongiloo irraa waraanni PP tokko sirnicha ganuun qawwee dachaatuu 1, rasaasa 90 hidhannoo waliin WBO’tti harka kennatee jira.

Murni faashistii PP aanaa Begii keessatti waraana isaa humnaan bobbaasee duula sakatta’iinsaa jechuun qe’ee hawaasaa goolaa jiraatus, waraanni kaayyoo Abiy Ahimeditti humnaan hiriiran, kanneen sabaan Oromoo ta’anii fi hin ta’in biroon Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiraachuu gabaasni qondaala waraana WBO aanichaa irraa arganne ni ifoomsa.

Exit mobile version