Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jaal Battee Urgeessaa Qondaalli ABO mana siree baafamuun ajjeefaman

ONM-ABO Ebla 10, 2024

Murni bilxiginnaa Abiy Ahimediin durfamu garee ajjeechaa maqaa Koree Nageenyaan ijaarrateen ajjeechaa dhoksaa beektotaa fi hoggantoota siyaasaa Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun guyyaa kaleessaa qondaala ABO ajjeesanii jiru.

Kaleessa Ebla 9, 2024 godina Baha Shaggar magaalaa Maqii iddoo adda addaa Marfata Girrisaa kan ganda 03 keessatti argamtutti Jaal Battee Urgeessaa Bulaa jedhamu halkan keessa toora sa’a 3:00 irratti rasaasa ja’an rukutanii ajjeesuu maddeen magaalichaa ONMtti himaniiru.

Jaal Battee Urgeessaa magaalaa Finfinnee kan jiraatu yoo ta’u, Wiixata dheengaddaa magaalaa Finfinnee irraa gara magaalaa Maqiitti imaluun mana ciisichaa naannoo NOC qabachuun bulaa turan.

Haa ta’u malee gareen ‘Gestapo’ Hitler itti fayyadamaa ture maqaa Koree Nageenyaan ijaarrate nama nagaa siyaasa kara nagaatti amanee ABOn qabsoo karaa nagaan geggeessuuf Fulbaana 15, 2018 impaayerattii galuun boordii filannootti galma’een wal qabatee sochii siyaasaa ifatti geggeessaa turee dha.

Nama qabsoo karaa nagaatti amanee ilaalcha dhaaba isaa ABO tarkaanfachiisaa ture kana yeroo adda addaatti hidhuun dararaa erga turaniin booda rakkoo fayyaa hamaa isa mudateen gadhiisanis baatii darbe keessa gaazexeessaa Faransaay tokko waliin shira siyaasaa geggeessaa jirtu jedhamuun hidhamee gadhiifame.

Jaal Battee Urgeessaa sirni awwaalcha isaa guyyaa borii bakka maatiin isaa argamanitti akka geggeefamuu barameera.
Gareen ajjeechaa Abiy abbootii gadaa Karrayyuu dabalatee impaayerattii keessatti ajjeechaa dhoksaa namoota bebbeekamoo irratti kan raawwate yoo ta’u, fuulduras biyyoota ollaa keessatti oppireeshinii dhoksaa akkasii akka raawwachuuf karoora qaban itti aanaan tika biyyaalessaa impaayerattii Abiyyiif amanamaa ta’e obbo Siisay Tolaa dubbatee turuun ni yaadatama.

Exit mobile version