ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024
Dargaggoota Oromoo gariin ajjeesuun gariin ammoo dirqiin adda waraanaatti guuraa kan jiru qaamni biyya bulchina jedhu bilxiginnaan yeroo ammaas duula dargaggoota Oromoo lafa irraa dhabamsiisuutti fuula isaa deeffachuun karaalee hedduun fixiinsa sanyummaa raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Caamsaa 23, 2024 Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Arroojjii Ejersaa Nadhiitti qeerroo maqaan isaa Simee Taammany jedhamu loltoonni qe’ee Yilmaa Mardaasaa eegan osoo inni rafuu halkan irra mana isaatii gadi baasuun rasaasaan waadanii ajjeesuun bakkeetti gatanii biraa deemuu jiraattotni ONM’tti himan.
Dargaggoon ajjeefame kunis nama nagaa hojii qonnaa dalaguun ofii fi maatii isaa jiraachisu malee nama siyaasa keessaa harka hin qabne ta’uu jiraattotni kunneen himuun, sirnichi karooruma dargaggoota Oromoo lafa irraa balleessuu waan qabuuf ajjeechaa kana raawwatan jedhan.
Gandicha keessatti ajjeechaan dhoksaa irra deddeebiin raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu fi uummanni gandichaa eegdota maatii Ilmaa Mardaasaafuu yeroo hedduu bahaa gala dhabuun rakkachaa akka jiran ibsa irra deddeebiin iyyachaa turan.

