ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025
Sirna dhableeyyiin waraana murna PP aanaa Ammayyaa magaalaa Dallee-Daak keessatti dargaggoo tokko kan maqaan isaa Abbuu Daggafaa jedhamu yakka tokko malee Waxabajjii 4, 2025 haala nama gaddisiisuun eeboodhaan wawwaraananii ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’f ifoomsanii jiru.
Kana malees onoota godinichaa garaa garaatti jalleewwan sirnichaa qabeenya uummataa loowwan dabalatee saamuu fi dargaggoota adamsuun ajjeesuu akkasumas qabanii dhabamsiisuu hammeessuun, uummata nagaan mana isaa jiraatu qe’eetti itti dhaquun jiruu fi jireenya isaanii mancaasaa jiraachuus dubbatu.
Ba’aa fi galli isaanii gaddaa fi gadadoo Oromoota irratti uwwisuu kan ta’e faashistoonni abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa dhiigni fi lubbuun uummataa isaan hin mararre guyyuu haalota dubbachuuf namatti hin tolleen duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

