• Wed. Mar 18th, 2026

Loltoonni PP Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa keessatti dargaggoo tokko ajjeesuun, uummata irratti dararaa addaa addaa jabeessaa jiraachuun ifoome

Jun 11, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025 

Sirna dhableeyyiin waraana murna PP aanaa Ammayyaa magaalaa Dallee-Daak keessatti dargaggoo tokko kan maqaan isaa Abbuu Daggafaa jedhamu yakka tokko malee Waxabajjii 4, 2025 haala nama gaddisiisuun eeboodhaan wawwaraananii ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’f ifoomsanii jiru.

Kana malees onoota godinichaa garaa garaatti jalleewwan sirnichaa qabeenya uummataa loowwan dabalatee saamuu fi dargaggoota adamsuun ajjeesuu akkasumas qabanii dhabamsiisuu hammeessuun, uummata nagaan mana isaa jiraatu qe’eetti itti dhaquun jiruu fi jireenya isaanii mancaasaa jiraachuus dubbatu.

Ba’aa fi galli isaanii gaddaa fi gadadoo Oromoota irratti uwwisuu kan ta’e faashistoonni abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa dhiigni fi lubbuun uummataa isaan hin mararre guyyuu haalota dubbachuuf namatti hin tolleen duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading